You are here
13165910_1300898113271357_1207969565952024389_n Fayyaa ( Health) 

AKKAATAA FUUNUUNA/DHIIGUU FUNYAANII ITTIIN ITTISAN AFRAN (4)


FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII ( nasal bleeding) AKKAMIIN DHAABUU QABNAA? YEROO BAAY’EE MALIRRAA KA’AA?
1. Funyaan keenya quba gudaa fi quba elemtuu gidduutti jabeessinee qabachuudhaan gara lafee jalatti argamuutti gadi dhiibuu.
2. Gara fuulduraatti xiqqoo gadi jechuu. Gara dudduubaatti jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo qilleensaa seenu taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin gargaaru.
3. Gadi ciisuu dhiisuu. Funyaan keenyaa waan dhiigaa jiruuf sadarkaa onnee olitti ( above heart level ) eeguu qabna. Kanaaf gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo dadhabne ammo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40 degree above horizontal) ciisuu.
4. Bishaan baay’ee dildllaa’aa ( cabbii yoo arganne gaariidha) fuula fi funyaan keenya irratti naquu. Kunis ujummooleen dhiigaa xixiqqoon akka kottoonfatan waan gargaaruuf.
MAALIRRAA KA’AA?
Funyaan hiddoota dhiigaa qaqalloo fi baay’ee gara alaatti dhuyaatanii jiran qaba. Kanaafa qaamota kanneen biroo irra dhiiguuf saaxilamaadha. Yeroo baay’ee kan dhiigu sababa goggoguu keessa funyaaniiti. keessumaa waqtii bonaa yeroo qilleensi gogaan jiru. Erga keessi funyaan keenyaa gogee booda harki keenya yoo xiqqoof itti bu’e (fakkeenyaaf yoo fuula dhiqannu), keessaa isaa yoo tuttuqne fi kkf salphumatti dhiiga. Dhiigni sababa kanaan dhiigu salphumatti akka armaan olitti ibsametti dhaababata. Kana irra darbee baay’ee dhiiga taanaan rakkoo biraa kan qaama keessaa ta’uu waan danda’uuf mana yaalaa deemtanii ilaalamuu qabdu.
GALATOOMAA!

Comments

comments

Related posts

Leave a Comment