You are here
Cervical-Cancer-treatment-in-Turkey Fayyaa ( Health) 

KAANSARIIN ULAA GADAMEESSAA DURSANII ITTISUUN NI DANDA’AMA!!!!

Kaansarii Ulaa Gadameessaa (Cervical Cancer) Kaansariin ulaa gadameessaa kaanseriiwwan biraa irraa karaa hedduu garaagarummaa qaba. 1. KA’UMSI ISAA BEEKAMAADHA Inni jalqabaa kaansariiwwan hedduu waantoota namatti fidan adda baasanii beekuun hin danda’amu. Kaansariin ulaa gadameessaa garuu vaayirasii Human Vapilloma Virus jedhamuun namatti dhufa. Vayirasiin kun gosoota hedduu qaba. Kan dhukkuba kana namatti fidan garuu gosa lama. HPV 16 fi HPV 18 kan jedhamanidha. Vaayirasiin kun kan namaa namatti daddarbu karaa WALQUNNAMTII SAALAA ti! Vaayirasiin kun erga nama qabatee booda waggoota hedduu booda qaama ulaa gadameessaa gara kaansariitti jijjiira. Kan vaayirasii kanaan…

Read More
13332944_1323313891029779_48170588193660503_n Fayyaa ( Health) 

BISHAAN BAAY’ISANII DHUGUUN FAYIDAALEE INNI QABU TORBAN (7)

BISHAAN SIRRIITTI DHUGUU ( DRINKING PLENTY OF WATER) maal nu fayyadaa? 1.Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba. 2.Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa. 3.Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara 4.Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba. 5.Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha….

Read More
12295388_1178768255484344_7171260702012186050_n Fayyaa ( Health) 

DHIIBBAAN DHIIGAA OSOO HIN BEEKAMIIN NAMA MIIDHA. QORANNAAN ISAA GARUU HEDDUU SALPHAADHA!

DHIIBBAA DHIIGAA YKN “SILENT KILLER” AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA? 1.ISPOORTII ykn SOCHII QAAMAA. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hajjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a. 2.ULFAATINA HIR’ISUU. Haala nyaataa sirreessutiin, sochii qaamaa gochuun hirisuu dandeenaya. 3.NYAATA DHIIBBAA DHIIGAA HIR’ISUUF GARGAARAN NYAACHUU. Nyaanni qabiyyee sodium tiin xiqqaa ta’eefi qabiyyee potassium fi magnesium olka’aa ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa. Nyaatawwan kunnenis kan akka midhaan callaa; qamadii, garbuu fi kkf….

Read More
What-is-acne-vulgaris Fayyaa ( Health) 

FINNISA MAALTU AKKA FIDUU FI AKKAATAA KAMIIN OFIRRAA BALLEESSUU AKKA DANDEENYU!!!!

FINNISA ( ACNE VULGARIS) by DR KD Finnisni rakkoo gogaa irratti mul’atu yoo tahu xannacha gogaa keessatti argamu afaan ingiliffaan ‘sebaceous gland’ kan jedhamuun wal qabata. Finnisni mallattoo dargaggummaa tahee fudhatamaa ture. Dhugumatti finnisni kan mul’atu yeroo dargaggummaati. Sababni isaas xannachi kun guutummaatti bilchaatee kan hojii jalqabu yeroo dargaggummaa waan taheefi. Baay’inni isaa yoo walcaale malee namni kamiyyuu finnisni qaama isaa irratti hin bahiin hin hafu. FINNISA MAALTU FIDA Wantootni finnisa fidan jedhaman hedduu tahanis keessaa muraasni isaanii;  Xannachi kun yoo baay’inaan hormoonii ‘sebum’ jedhamu kan burqisiisu(maddisiisu) tahe. …

Read More
5-partes-del-cuerpo-que-los-cientIficos-pueden-hacer-crecer-en-un-laboratorio-02 Fayyaa ( Health) 

FAYYAA KALEE KEENYAAF KAN DHIMMINU YOO TA’E WAANTOOTA SADDEET (8) KANARRAA OF HAA QUSANNU

Amaloota kale keenya miidhan kanneen irraa of haa eggannu jedha national kidney foundation! 1.Qorichoota seeraan alaa kan sababa garaagaraatiif faarmaasiidhaa ofii keenyaa bitannu ofitti baay’isuu dhiisuu qabna. 2.Ashaboo nyaata keessanitti baay’isuu. Kun kallattumaan Kaleen keenya sodium ashaboo keessaan argamu dhabamsiisuu irratti qooda waan fudhattuuf ni miidhamti. 3.Bishaan xiqqeessanii dhuguu. Bishaan baay’isanii dhuguun kalee keenyaaf hedduu hedduu fayyada. Kanaaf kana ofitti qusachuu hin qabnu. 4.Nyaata foonii hedduminaan nyaachuu. Kunillee kale keenya qofaa osoo hin taane akkasuma qaamota keenya kan biro illee waan hubuuf xiqqeessinee nyaachuu qabna. 5.Alkoolii bay’isuu. Kunis akkauma qaamota…

Read More
13165910_1300898113271357_1207969565952024389_n Fayyaa ( Health) 

AKKAATAA FUUNUUNA/DHIIGUU FUNYAANII ITTIIN ITTISAN AFRAN (4)

FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII ( nasal bleeding) AKKAMIIN DHAABUU QABNAA? YEROO BAAY’EE MALIRRAA KA’AA? 1. Funyaan keenya quba gudaa fi quba elemtuu gidduutti jabeessinee qabachuudhaan gara lafee jalatti argamuutti gadi dhiibuu. 2. Gara fuulduraatti xiqqoo gadi jechuu. Gara dudduubaatti jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo qilleensaa seenu taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin gargaaru. 3. Gadi ciisuu dhiisuu. Funyaan keenyaa waan dhiigaa jiruuf sadarkaa onnee olitti ( above heart level ) eeguu qabna. Kanaaf gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo dadhabne ammo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40…

Read More
landscape-1444895176-g-liverkidneyurinary-165927562 Fayyaa ( Health) 

AMALOOTA TIRUU KEENYA MIIDHAN SHANAN (5) IRRAA OF HAA EEGNU!

Amaloota tiruu (liver) keenya miidhan shaman (5) 1. Inni tokkoffaan akkuma beekmu alkoolii baay’isanii dhuguudha. Kunis tiruun keenya qaama alkoolii sana dhabamsiisu waan ta’eef kallattumaan qaama hundaa caalaa kan alkooliin hubamu tiruu keenya. 2. Qorichoota hedduu liqimsuu (overdose). Qorichi mana yaalaa irraa yoo ajajamu miidhaan isaa yaada keessa galee ilaalameeti. Kan baay’ee tiruu keenya miidhuu danda’an yoo ta’emmoo fayyummaan tiruu hordofamee qorichi addaan dhaabama. Kan mana yaalaa alatti ofii kjeenyaa suuqii irraa binnee har’aa boorii fayyadamnu garuu miidhaa guddaa nurraan gahuu danda’a kanaaf of eeggannoo guddaa gochuu qabna. 3. Hirriba…

Read More
diabetes Fayyaa ( Health) 

DHUKKUBNI SUKKAARAA YOO NU QABE MAAL GOCHUU QABNA?

YOO DHUKKUBA SUKKAARAAN QABAMNE EEGGANNOO GOCHUU QABNU: 1. EGGANNOO QAAMAA – Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu. – Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa’atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa’achuu. – Yoo deeman miilla qullaa fi kopheewwan miilla mulisan kaa’achuu irraa of eeggachuu. -Yoo miilla dhiqatan bishaan dilallaa’aadhaan dhiqachuu. – Miilla isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu. -Sababa adda addaatiin madaan miilla isaanii irratti yoo ba’e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo…

Read More
snoring Fayyaa ( Health) 

AKKAATAA YOO RAFAN KURRUUFUU ITTIIN ITTISAN TORBAN (7)

Yeroo rafan kurruufuu/qoquu akkamiin ofirraa dhaabuu dandeenyaa? 1.Position yokaan akkaataa ciisicha keenyaa jijjiiruudha… keessumaa yoo dunga keenyarra ciisna ta’e kurruufuun kun waan nutti cimuuf cinaachaan yoo ciifne baay’ee nurra hir’isa yokaan bada. Cinaachaan ciifnaan illee dideetuma kurruufa yoo ta’e garuu dhukkubni obstructive sleep apnea jedhamu waan jiruuf mana yaalaatti ilaalamudha. 2.Ufaatina qaamaa hir’isuu. Namoonni qaqallaanis inuma kurruufu garuu kan furdaa baay’ee waan cimuuf ulfaatina hir’isuun baay’ee gargaara 3.Alkoolii hir’isuu. Kun maashaa qaamaa qaama keenyaa akka lallaafee walirra ciisu godhee nu kurruufsisa. Keessumaa rafuun dura sa’aa 4 ykn 5 dursinee yoo…

Read More
_fa05a288-ce73-11e6-b3cb-dcd306bf19b8 Fayyaa ( Health) 

FAAYIDAA WALQUNNAAMTII SAALAA (GAA’ELA BOODAA) KURNAN (10)

Faayidaalee walqunnamtii saalaa gurguddoo kurnan 1.Ittisni qaamaa kan dhukkuba nurraa lolu sirriitti cimee akka hojjatu taasisa. 2.Walqunnaamtii saalaa yoo daddafanii raawwatan walqunnaamtii saalaa sana booda dhufanitti akka gammadaniif akka namatti tolu godha. 3.Dubartootaaf afuuffeen fincaanii isaanii sirriitti akka fincaan qabatu taasisa. 4.Dhiibbaa dhiigaa to’achuu irratti ga’ee guddaa qaba. 5.Akkuma sochii qaamaa keessaa isa tokkottii ilaalamuun faayidaa sochiin qaamaa namaa kennu hundaa namaaf kennuu danda’a 6.Carraa dhukkuba onneen qabamuu keessumaa immoo dhukkuba onnee akka tasaa (heart attack) kan jedhamuu namarraa gadi hir’isa 7.Dhukkubbii qaamaa kan qorichoota xixiqqoo nuti ofii keenyaa bitannu…

Read More