You are here
Cervical-Cancer-treatment-in-Turkey Fayyaa ( Health) 

KAANSARIIN ULAA GADAMEESSAA DURSANII ITTISUUN NI DANDA’AMA!!!!


Kaansarii Ulaa Gadameessaa (Cervical Cancer)

Kaansariin ulaa gadameessaa kaanseriiwwan biraa irraa karaa hedduu garaagarummaa qaba.
1. KA’UMSI ISAA BEEKAMAADHA
Inni jalqabaa kaansariiwwan hedduu waantoota namatti fidan adda baasanii beekuun hin danda’amu. Kaansariin ulaa gadameessaa garuu vaayirasii Human Vapilloma Virus jedhamuun namatti dhufa. Vayirasiin kun gosoota hedduu qaba. Kan dhukkuba kana namatti fidan garuu gosa lama. HPV 16 fi HPV 18 kan jedhamanidha. Vaayirasiin kun kan namaa namatti daddarbu karaa WALQUNNAMTII SAALAA ti! Vaayirasiin kun erga nama qabatee booda waggoota hedduu booda qaama ulaa gadameessaa gara kaansariitti jijjiira. Kan vaayirasii kanaan qabaman hundi kaansariin hin hubaman. Gariin akkasumaan vaayirasichi keessaa bada gariin ammo turee gara dhukkuba kanaatti deema.
2. ITTISUUN NI DANDA’AMA
Waan tokko yoo ka’umsi isaa beekame ittisuun isaa ni danda’ama jechuudha. Inni jalqabaa qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin raawwachuu irraa of eeguudha. Yoo kan hin danda’amne ta’e imoo koondoomii fayyadamuu qabna. Haata’u malee vaayirasiin HPV jedhamu kun qunnaamtii saalaa of eeggannaa hin qabne raawwachuu baatan illee argami (prevalence) isaa bay’ee olka’aa waan taheef dubartoota hedduu keessatti ni argama. Kanaafuu qunnaamtii saalaa irraa of eeggachuu qofti gahaa miti. Inni lammaffaa qorannoo dhukkuba duraa (screening) isa jedhamudha. Dhukkubni kaansarii ulaa gadameessaa yeroodhaan argamnaan yaalamee fayyuu danda’a. Yeroodhaan argamuuf garuu waggaa murtaa’e keessatti osoo hin dhukkubsatiin mana yaalaatti deddeebi’anii qoratamuu (screening) gaafata. Biyyoota guddatan keessatti qorannaan kun dubartoota hundaaf yeroo yeroodhaan kennama. Obbolaaniif harmooliin keenya garuu carraa kana hin qaban. Kanaaf dhukkubni kaansarii ulaa gadameessaa akka kaanseriiwwan biroo biyyyoota guddatan osoo hin taane kan hubu biyyoota guddataa jiran kan tahe. Biyya keenya keessatti dubartootni tamboo xuuxuun baratamaa ta’uu baatus tamboo xuuxuun waantoota dhukkuba kanaaf sababa dabalataa ta’an jedhamanii yaadaman keessaa tokko kanaaf tamboo xuuxuu irraas of qusachuun barbaachisaadha.
3. MALLATTOOWWAN ISAA
Dhukkubni kun mallattoo garaa garaa akkuma jabaachaa deemeen ni argisiisa. Namni mallattoowwan kana qabu dhukkuba kana qaba jechuu miti, dhukkuboonni sasalphoon mallattoo sana fidan hedduun waan jiraniif. Kanaaf mallattoowwan kana yoo ofirratti argan deemanii mana yaalaa dhukkuba kana adda baasuu danda’utti ilaalamuun yoo dhukkubooota sasalphaa sana ta’es miidhaa kan hin qabneefi yoo dhukkuba kana ta’emmoo faayidaa guddaa kan qabudha. Bu’aan yaalii dhukkuba kanaa akkuma armaan olitti ibsame sadarkaa dhukkubiichi irra jiru irratti waan hundaa’uuf warri dafee argame fayyadamaadha. Mallattoowwan akka walqunnamtii saalaa booda qaamni saalaa dhiiguu, dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa duraan hin jirre dhufuu marsaan laguu dhufee deemee osoo lammata immoo hin deebi’iin gidduutti dhiiguu, marsaan laguu sababa umuriin erga dhaabbatee booda qaamni saalaa deebi’ee dhiiguu, dhukkubbii garaa gara gadii mallattoowwan kana waliin wal qabatee dhufu fi kkf. dha.
4. YAALA ISAA
Biyya keenya keessatti yeroo hedduu mana yaalaa kan deemamu erga mallattoon ba’ee irratti mullatee booda. Kun ammo yeroo baayyee erga dhukkubni kun fagoo deemee fi yaaluun isaa rakkisaa ta’etti. Yeroo mallattoo argisiisees tahu gara mana yaalaa dhufan sadarkaa dhukkubichi irra jiru irratti hundaa’ee yaaliiwwan garaa garaa ni kennama. Qorichaan ( chemotherapy), xiyyaan ( radiotherapy), baqaqsanii muraniii baasuudhaan (surgery), yokaan ammoo walitti qabanii (yaaliiwwan kanneen) kennuudhaan yaalama. Sun gahee ogeessa fayyaa fayyaa yaaluu yoo tahu, dafnee deemuun immoo gahee keenya.
FAYYAA HAWWANIIF SHAMARRAN KEENYAAF
“Fayyaan hangafa”

Comments

comments

Related posts

Leave a Comment