snoring Fayyaa ( Health) 

AKKAATAA YOO RAFAN KURRUUFUU ITTIIN ITTISAN TORBAN (7)

Yeroo rafan kurruufuu/qoquu akkamiin ofirraa dhaabuu dandeenyaa? 1.Position yokaan akkaataa ciisicha keenyaa jijjiiruudha… keessumaa yoo dunga keenyarra ciisna ta’e kurruufuun kun waan nutti cimuuf cinaachaan yoo ciifne baay’ee nurra hir’isa yokaan bada. Cinaachaan ciifnaan illee dideetuma kurruufa yoo ta’e garuu dhukkubni obstructive sleep apnea jedhamu waan jiruuf mana yaalaatti ilaalamudha. 2.Ufaatina qaamaa hir’isuu. Namoonni qaqallaanis inuma kurruufu garuu kan furdaa baay’ee waan cimuuf ulfaatina hir’isuun baay’ee gargaara 3.Alkoolii hir’isuu. Kun maashaa qaamaa qaama keenyaa akka lallaafee walirra ciisu godhee nu kurruufsisa. Keessumaa rafuun dura sa’aa 4 ykn 5 dursinee yoo…

Read More
_fa05a288-ce73-11e6-b3cb-dcd306bf19b8 Fayyaa ( Health) 

FAAYIDAA WALQUNNAAMTII SAALAA (GAA’ELA BOODAA) KURNAN (10)

Faayidaalee walqunnamtii saalaa gurguddoo kurnan 1.Ittisni qaamaa kan dhukkuba nurraa lolu sirriitti cimee akka hojjatu taasisa. 2.Walqunnaamtii saalaa yoo daddafanii raawwatan walqunnaamtii saalaa sana booda dhufanitti akka gammadaniif akka namatti tolu godha. 3.Dubartootaaf afuuffeen fincaanii isaanii sirriitti akka fincaan qabatu taasisa. 4.Dhiibbaa dhiigaa to’achuu irratti ga’ee guddaa qaba. 5.Akkuma sochii qaamaa keessaa isa tokkottii ilaalamuun faayidaa sochiin qaamaa namaa kennu hundaa namaaf kennuu danda’a 6.Carraa dhukkuba onneen qabamuu keessumaa immoo dhukkuba onnee akka tasaa (heart attack) kan jedhamuu namarraa gadi hir’isa 7.Dhukkubbii qaamaa kan qorichoota xixiqqoo nuti ofii keenyaa bitannu…

Read More
1403355062_lysyy Fayyaa ( Health) 

MOLUU YKN BALDNESS AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA?

MOLUU (BALDING) OFIRRAA ITTISUU DANDEENYA! 1.Yoo mataa dhiqannu shaampoo sirrii ta’etti fayyadamuu qabna. Kunis kan antifungal ketoconazole jedhamu of keessaa qabu yoo ta’e filatamaadha. 2. Mataa jiidhaa tasuma hin filatiinaa. Haga danda’ametti yoo mataa dhiqannu ammoo kafanaan haxoofnee gogsuu irra qilleensan yoo goge filatama. 3. Nyaata sirrii nyaachuu. Nyaatota cooma hedduu of keessaa qaban nyaachuu dhiisuu. Nyaatni sukkaara hedduu of keessaa qabus haga ta’e hir’isuun barbaachisaadha. Bakka isa kanaa nyaata pirootinii garii of keessaa qaban nyaachuu qabna. 4. Aduu cimaa keessa warri oolan yoiiikaan yeroo dheeraaf deeman mataa isaanii “kuffiyyaan”…

Read More
13133090_1293664867328015_1452120522488254013_n Fayyaa ( Health) 

DHUKKUBBII DUGDAA

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain) Akkamiin of gargaaruu dandeenyaa? 1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa’aa sadii ol siree irra ciisuu dhiisuu qabna. 2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna. 3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa…

Read More
13335825_1315284568499378_4862851814055451392_n Fayyaa ( Health) 

HIR’INA DHIIGAA

HIR’INA DHIIGAA (ANEMIA) Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’u jechuudha. MALLATTOO ISAA 1. Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu 2. Mataa dhukkubbii lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu. 3. Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaa’amuu 4. Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf. MAALTU HIR’INA DHIIGAA FIDAA? 1. Dhiiguu kanneen akka dahumsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf. 2. Hir’ina viitamin B. 3. Hir’ina elementii ayirenii (Iron) 4. Dhukkuba garaachaa 5. Raammoo garaa (hook worm)…

Read More
13267872_1313208112040357_1467154950977711617_n Fayyaa ( Health) 

DHALA DHABUU

DHala DHabuu (Infertility) Dhala dhabuun waantoota yeroo ammaa kana nama rakkisan keessaa tokkodha. Dhibee kanaaf mana yaalaa deemanii ilaalamuun dirqama ta’ee osoo jiruu ofuma keenyaa immoo dhala argachuuf maaliin of gargaaruu qabnaa? 1. Walqunnaamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti alsadii raawwachuu. 2. Yoo qunnaamtii saalaa raawwannu guyyaa carraan ulfaa’uu baay’ee olka’aa ta’e adda baasnee beeekuuu ( Guyyaa marsaan laguu itti dhangala’uu eegale irraa kaasee guyyaa guyyaa 9ffaa haga 19ffatti.) 3. Waantonni sammuu jeeqan marsaa laguu fi qophaa’uu hanqaaquu waan hir’isaniif irraa fagaachuu qabna. 4. Ulfaatinni yoo baay’ee dabale hir’isuu 5. Warshaa…

Read More
13406945_1320875634606938_4294808508030029683_n Fayyaa ( Health) 

Finnisa maloota ittiin ofirraa balleessan…..

FINNISA (ACNE) AKKAMIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA? Rakkoon kun kan uumamu yoo xannachi gogaa sabaceous gland jedhamu kan dhangala’aa akka zayitaa sebum jedhamu kan gogaa keenya akka hin gogne eeguuf gargaaru oomishu haga isarraa eegamuu ol dalagu (overactive) dha. Akkamiin ifirraa ittisuu dandeenyaa? 1. Nyaata zayita qaban erga nyaannee booda fuula keenya qaqqabuu dhiisuu qabna. 2. Dibata fuulaa (make up) hir’isuun baay’ee gargaara. 3. Dibata baareedinaa (make up) yoo dibannu kan “non-comedogenic” jedhu fi kan bu’aalee zayitaa (oil) baay’ee of keessaa hin qabne fayyadamuu qabna. 4. Fuula keenya guyyaatti ala lama…

Read More
Ovulation-what-is-a-menstrual-cycle-1140x730 Uncategorized 

Marsaa laguu fi rakkoolee marsaa laguun walqabatan.

XURII LAGUU/DUGDA/FI RAKKOOLEE ISA WALIIN WALQABATAN GADI FAGEENYAAN! ***DR NUREDIN LUKE*** Xuriin laguu qophii jijjirama qaamni wol hormaata dubaraa hormoonota adda addatiin wol hormaataaf ji’a ji’aan godhu dha. . √ Yeroo baay’ee kan inni itti dhufu guyyaa 28tiin yoo ta’u guyyaa 21-35 yoo turaa kan dhufu ta’es rakkinna akka hin qabnetti fudhatama. Garuu kana olis ta’e gadi yoo kan turaa dhufu ta’e rakkini jiraachuu mul’isa. Kana qofaaf otoo hin ta’an dugdi keenya yeroo inni itti dhufu(guyyaa jalqabaa) kan ji’a ji’a galmeessuun faayidaa hedduu qaba. √ Dubarri takka jijjirama dargagguuma(saal lammeessoo)…

Read More
13769559_1361846417176526_36617118681839800_n Fayyaa ( Health) 

Faayidaa jinjibilaa kana beektuu?

JIINJIBILA Jinjibilli keemikaala “Gingerol” kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba. – Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala. – Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa. – Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir’isa – Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega. – Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna. – Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir’isa – Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa. – Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka. – Qabiyyee qaamaa yoo baay’ate dhukkuba Fayyaan…

Read More
eyeliner Fayyaa ( Health) 

IJA KEENYA

Iji keenya qaama keenya hundaa keessaa kan eeggannoo guddaa barbaaduu fi lallaafaa garuu hedduu barbaachisaadha. Namoonni barbaachisummaa ijaa ibsuuf jecha i ‘ishiin ija kooti; inni ijakooti…. kkf jedhu’ EEGGANNOO IJA KEENYAAF 1. Nyaata ija keenya gargaaran kan baala magariisaa qaban akka raafuu nyaachuu, kaarota, hanqaaquus yoo argame nyaachuu. 2. Ija keenya boqochiisuu. Daqiiqaa digdamaa oliif walitti fufanii waan tokkicha ilaaluun waan ija miidhuuf daaqiiqaa 20 yoo turre altakkaa bakka biraa ilaaluu qabna 3. Yoo aduu keessa deemnu ija keenya eeggachuuf fuullewwan sunglasses jedhaman godhachuu 4. Yoo bakkeewwan balaa ijarraan ga’an…

Read More